Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 602 vaayrasii koroonaatin qabamuun ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 18, 2013 (FBC) –Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 602 vaayrasii koroonaatin qabamuun ibsame.

Qorannaan laabraatoorii samuudaa 6290 kan hojjetame yoo ta’u, namoota 602 irratti vaayrasichi argameera.

Haaluma kanaan namoonni waliigalaan vaayrasichaan qabaman 94,820 qaqqabaniiru.

Gabaasa Ministeera Fayyaa kanaan namoonni 918 dandamachuun ibsameera.

Namoonni 43,481 yaalarratti argamu.

Namoonni 315 ammoo wallaansa yaala cimaa keessatti argamu.

Gabaasa qorannaa sa’aa 24 keessatti lubbuun namoota 6 darbuun kan ibsame yoo ta’u, waliigalaan vaayrasichaan namoonni lubbuu isaanii dhaban 1,451 qaqqabeera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.