Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 663 vaayrasii koroonaan qabaman

Finfinnee, Eebila 28, 2013 (FBC) – Gabaasa qorannoo sa’aatii 24 darbeetiin namoonni dabalataa 663 vaayrasii koroonaan yoo qabaman, lubbuun namoota 27 darbeera.

Sa’aatii 24 darbetti qorannoo laabraatoorii namoota 4,914 gaggeeffameen vaayrasichi namoota 663 irratti argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Namoonni haaraan 2,050 dandamataniiru.

Vaayrasichi yeroo ammaa namoota 52, 520 irratti argama.

Namoonni 748 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Lubbuun namoota 27 darbeera.

Waliigala lubbuun namoota 3,822 darbeera.

Hanga ammaatti namoonni kumni dhibbi 2 fi kumni 60 fi 802 qabamaniiru.

Namoonni 1,237,826 talaallii fudhataniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.