Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti weerarri vaayrasii koroonaa sadaffaan sadarkaa olaanaan tatamsa’aa jira

Finfinnee, Hagayya 25, 2013 (FBC)- Ityoophiyaatti weerarri vaayrasii koroonaa sadaffaan sadarkaa olaanaan tatamsa’aa jira

Torbeewwan saddeettan darbanii as Ityoophiyaatti weerarri vaayrasii koroonaa sadaffaan sadarkaa olaanaan tamsa’aa jiraachuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Ministeera Fayyaatti qindeessaan deebii weerara vaayrasii koroonaa obbo Maabraatuu Maseeboo, weerarri vaayrasii koroonaa sadaffaan torbeewwan saddeet darbanitti sadarkaa olaanaa tamsa’aa jiraachuu himaniiru.

Weerarrichi baatii Adoolessaa torbeewwan jalqabaarra eegalee hir’ina agarsiisee akka turee DHPI gabaaseera.

Yaa ta’uu malee baatii Hagayyaa akka haaraatti dabaluun namoonni 600 ol ta’aan dhibichii itti cimuun yaalarra akka jira himaniiru.

Guyyaatti namoota kuma2 ta’aarratti vaayrasiichi akka argamuu ibsaniiru.

Namoonni vaayrasichaan qabaman mallattoo osoo hin agarsiisiin, kanneen hin qoratamnee hedduu jiraachuu akka danda’anii kaasaniiru.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.