Fana: At a Speed of Life!

Jaal Goollicha Dheengeen waamicha nageenyaa mootummaan dhiyyeesse fudhachuun har’a Finfinnee galan

Finfinnee, Fulbaana 10, 2014 (FBC)- Ajajaa waraanaa Shanee Zonii kibbaa kan ture Jaal Goollicha Dheengeen waamicha nageenyaa mootummaan dhiyyeesse fudhachuudhaan har’a Finfinnee galaniiru.

Jaal Goollichaan wayita buufata xiyyaaraa idil addunyaa Boolee gahu hogganaa, biiroo dhimmoota kominikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Geetaachoo Baalchaa fi hoggantoonni olaanoon biroon simannaa taasifaniiru.

Waggaa 28 booda biyyatti deebi’uu kootti gammadeeras jedhu Jaal Goollichaan.

Kaayyoo malee umrii guutuu bosona jiraachuun faayiidaa hin qabu jedhaniiru.

Goonkumaa garee Shororkeessaa ABUT waliin hojjechuun hin barbaachisuun dubbateera.

Kanaaf qaamni ammas bosona jiru fedhii uummataa ilaalee waamicha nageenyaa dhiyaate fudhatee biyyatti galuudhaan misooma biyyaa tumsuu qabu jedhaniiru.

Isaanis amma booda fedhiin nageenyarratti akka hojjetan ibsaniiru.

Murteen Jaal Goollichi murteessaan murtee gootummaati jedhan obbo Geetaachoo Baalchaa.

Abbootii Gadaa fi qaamolee bu’aa kanaaf shoora taphatan galateeffataniru.

Miseensoonni ammas bosona jirtan waamicha dhiyaate kana fudhattanii uummata keessanitti makamtanii uummata keenya waliin haa tajaajillu jechuudhaan waamicha dhiyeessaniru.

Daagmaawii Deeksisaatu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.