Fana: At a Speed of Life!

Jaalleewwan miseensa nageenyaa uummattootaa fi mootummaa Ityoophiyaa cinaa akka dhaabbatan ibsan

Finfinnee, Adooleessa 27, 2013 (FBC )- Jaalleewwan miseensa nageenyaa uummattootaa fi mootummaa Ityoophiyaa cinaa akka dhaabbatan ibsaniiru.

Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makoonniin jaalleewwan miseensoota nageenyaa proofeeseer Biruuk Haayluun durfamu waliin haala waqtaawaa biyyarratti marii taasisaniiru.

Jaalleewwan miseensa nageenyaa hojiiwwan Ityoophiyaa keessaatti hojjetamaa jiruurratti gammaduun galateeffataniiru.
Dhimma waqtaawaa biyyarrattis ummattootaa fi mootummaa Ityoophiyaa cinaa dhaabbachusaanii mirkaneessuuf gara Ityoophiyaa dhufuusaanii qindeessaan garichaa proofeeseer Biruuk ibsaniiru.

Ameerikaatti hawaasa kutaa garagaraarra walitti babba’aan miseensoota garichaa hirmaachisuu hojiiwwan misoomaa, ijaarsa biyyaa fi dhaabbileen deeggartootaa hojiiwwan arjoomaa jiran irratti obbo Dammaqaan ibsa taasisaniiru.

Obbo Dammaqaan hojiiwwan tola oltootaa raawwataa jiranii fi Ityoophiyaa cinaa dhaabbachuusaaniif galateeffataniiru.

Hojiisaniin cimsanii akka itti fufaniif gaafachuusanii ragaan waajjira dubbi himaa ministeera dhimma alaarra argamee ni muul’dhisa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.