Fana: At a Speed of Life!

Jaappaan Ityoophiyaaf deeggarsa ruuzii meetirik toonii kuma 5fi 700 taasiste

Finfinnee, Caamsaa 9, 2015(FBC)- Mootummaan Jaappaan Ityoophiyaaf deeggarsa ruuzii meetirik toonii kuma 5fi 700 taasise.

Deeggarsichi waliigaltee deeggarsaa kanaan dura mootummaa Ityoophiyaafi Jaappaan gidduutti mallatteeffamee ta’uu eerameera.

Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Samaariitaa Sawaasawuufi Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Jaappaan Iitoo Taakaakoon guyyaa har’aa wal harkaa fuudhiinsa deeggarsichaa taasisuu ibsameera.

Deeggarsichi Ityoophiyaatti adeemsa wabii nyaataa mirkaneessuuf taasifamu kan gargaaru ta’uu ibsamuu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.