Fana: At a Speed of Life!

Jiibsamii waliin fe’amee gara Keeniyaatti dabarfamaa kan ture baalli hadoochituun Kg 6000 ol to’atame

Finfinnee, Mudde 5, 2015 (FBC)-Naannoo Kibbaa Godina Oomoo Kibbaarraa jiibsamii waliin kan fe’amee baala hadoochitu kiiloo giraamaa kuma 6 fi 150 to’annoo jala oochu Poolisiin godinichaa beeksiseera.

Konkolaataan Arbooreerraa ka’uun Aanaa Banaatsamaay Wayixoo oggaa ga’uu hordoffii qaamoleen nageenyaa naannichaa taasisaaniin to’annoo jala oolfamuu eerameera.

Konkolaachisaa fi abbaan qabeenyicha fe’e kan miliqan yoo ta’u, gargaaraa konkolaachisaa fi konkolaataan poolisiin to’atamuun qorannoon gaggeeffama jiraachuun ibsameera.

Baalli hadoochitun kun Godina Arsii Lixaa Magaalaa Shaashamanneerraa kan fe’aman ta’uu qorannoon mirkanaa’uu ragaan Pooisii Kibbarraa argame ni mul’isa.

Keeniyaa fi Sudan Kibbaan kan waldaangessuu Godinni oomoo Kibbaa qaamoleen seeraan alaarratti tarkaanfii fudhachuuf qaamoleen nageenyaa qindoominaan hordoffii fi to’annoo taasisaa jiraachuu ibsauun qaamoleen seeraan alaas gochaa isaaniirraa akka of qusatan poolisiin hubachiiseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.