Fana: At a Speed of Life!

Jila Itiyoophiyaa Taphoota Guutuu Afrikaarratti hirmaachuun bu’aa gaarii galmeessiseef gaggeessaa fi Affeerraan taasiifame

Finfinnee, Bitootessa 15, 2016 (FBC) – Gaanaatti Embaasiin Itiyoophiyaa Jila Itiyoophiyaa Taphoota Guutuu Afrikaarratti hirmaachuun bu’aa gaarii galmeessiseef gaggeessaa fi Affeerraa taasiseera.

Embaasichi Reestoraantii Itiyoophiyaa Gaanaa magaalaa Akiraatti argamutti sagantaa gaggeessaa fi Affeerraa kana taasiseera.

Gaanaatti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Tafarii Fiqiree, Ministir Deetaan Ministeera Aadaa fi Ispoortii Ambaasaaddar Masfin Charrinnat, Pireezidaantiin Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa gargaartuun Komishinaraa Atileet Daraartuu Tulluu fi gareen Ispoorteessitootaa sagantaa gaggeessaa fi Affeerraa kanarratti hirmaachuu ibsameera.

Jilli Itiyoophiyaa taphoota Guutuu Afrikaa 13ffaarratti hirmaate kun Meedaaliyaa Warqee 9, Meetii 9 fi Nahaasii 4 walitti qabachuun Afrikaarraa sadarkaa 2ffaan xumureera.

Jilichi Boru galgala Finfinnee ni galaan eegama.

Dorgommicharratti Itiyoophiyaan damee Atileetiksiin Meedaaliyaa 18 argachuun sadarkaa 2ffaan yoo xumurtu, waliigala Meedaaliyaa 22 argachuun sadarkaa 8ffaan xumuruu dandeesseetti.

Ijipti meedaaliyaa 187 walitti qabachuun sadarkaa 1ffaan yoo xumurtu, Naayijeeriyaan meedaaliyaa 121 argachuun sadarkaa 2ffaan xumurteerti.

Tapha guutuu Afrikaa 13ffaa kanarratti biyyoota Afrikaa 50rraa Atileetonni 640 hirmaataniiru.

Salamoon Baqqalaatu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.