Fana: At a Speed of Life!

Jilli Dooktar Girmaa Amanteen durfamu ijaarsa giddugala gabaa Awwadaayii fi hojii misooma beeyladaa daawwate

Finfinnee, Fulbaana 8, 2014 ( FBC)- Jilli Sadarkaa Itti aanaa Preezdaantiitti Qindeessaa Kilaastara Misooma Baadiyyaa  Oromiyaa Dooktar Girmaa Amanteen durfamu godina Hararge Bahaatti  ijaarsa giddugala gabaa magaalaa Awwadaayii fi hojii misooma beeyladaa magaalichaa daawwateera.

Qonnaan bulaa Yuusuf Ahmad hojii misooma beeyladaa hojjachaa jirurraa fayyadamaa ta’uu himuun, nyaata beeyladaa akka barbaadetti argachuu dhabuun hudhaa akka itti tahe dubbateera.

Hoggantuun Ejansii Misooma Beeyladaa Oromiyaa Dooktar Aaminaa Abduramaan, bara kana hojii fooyyeessa sanyii beeyladaatiif xiyyeeffannoo kannanii hojjachaa jiraachuu himaniiru.

Jilichi ijaarsa giddugala Gabaa Jimaa Awwadaay %70 irra gahuun osoo irra jiruu yeroo amma % 45 irra jiras jedhame.

Sababni proojeektiin kun harkifateef, sababa dhiheessiitiini jadhan Kontiraaktaroonni fi gorsitoonni proojeekticha hojjachaa jiran.

Dooktar Girmaa Amantee, giddugalli gabaa Jimaa Awwadaay yeroon xumurame fayyadamummaa Qonnaan Bultoota Harargee daran mirkaneessa Jedhan.

Akka gabaasa OBNtti rakkoo harkifannaa proojeektichaaf sababa tahan furuuf xiyyeefannoon ni hojjenna jedhan Dooktar Girmaan.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.