Fana: At a Speed of Life!

Jilli Dooktar Girmaan durfamu Aanaalee Liiban Cuqqaalaa fi Luumeetti Giddu gala dhiyeessii galtee qonnaa fi Oomisha Avookaadoo daawwate

Finfinnee, Adooleessa 18, 2013 (FBC) – Jilli sadarkaa itti aanaa Preezdaantiitti Qindeessaan Kilaastera Misooma Baadiyyaa Oromiyaa Dooktar Girmaan Amanteen durfamu Aanaalee Liiban Cuqqaalaa fi Luumeetti Giddu gala dhiyeessii galtee qonnaa iddoo tokkoo fi Oomisha Avookaadoo daawwateera.

Giddu galli dhiyeessi galteewwan qonnaa iddoo tokkoo, qonnaan bultoonni sanyii filatamaa, calla guddiftuu fi keemiikaalota farra aramaa fi ilbiisotaa akkasumas qoricha beeyladotaa bakka tokkotti dhiyeessuuf kan hundaa’eedha jedhame.

Ejansiin Tiraansifoormeeshinii qonnaa sadarkaa Oromiyaatti ejantiiwwan galtee qonnaa dhiyeessan 600 oliif deeggarsa ittiin hojii jalqaban kennuufiin hojii qonnaa ceesisuurratti tumsa taasisaa jiraachuu OBN gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.