Fana: At a Speed of Life!

Jilli Dooktar Injinar Haabtaamuu Ittifaan durfamu Godina Geedee’ootti piroojektiin Bishaan dhugaatii daawwatan

Finfinnee, Amajjii 21, 2016 (FBC) -Jiili Ministira Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injinar Haabtaamuu Ittifaan durfamu naannoo Kibba Itiyoophiyaa Godina Geedee’ootti piroojektiin Bishaan dhugaatii Birrii miiliyoona 523 oliin ijaaramaa jiran daawwataniiru.

Magaalaa Diillaatti Birrii miiliyoona 400 fi aanaa Gadabitti ammoo Birrii miiliyoona 123 piroojektoonni bishaan dhugaatii hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Piroojektoonni kunneen yeroo ammaa % 90 irra ga’uu daawwannichaan ilaallameera.

Piroojektoonni kunneen hanqina isaan mudate saffisaan hiikuun tajaajilaaf banaa akka ta’an Dooktar Injinar Haabtaamuu Ittifaan kallattii kaa’aniiru.

Piroojektoonni kunneen waayita tajaajila eegalan lammiilee kuma 249 ol fayyadamoo bishaan dhugaatii kan taasiisan ta’uu eerameera.

Wandimmuu Addunyaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.