Fana: At a Speed of Life!

Jilli Itiyoophiyaa Taphoota Guutuu Afrikaa 13ffaarratti hirmaate Finfinnee gale

Finfinnee, Bitootessa 16, 2016 (FBC) –Jilli Itiyoophiyaa Taphoota Guutuu Afrikaa 13ffaarratti hirmaachuun sadarkaa 8ffaan xumure galgala kana Finfinnee galeera.

Jilichi waayita Buufata xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee ga’u Ministir Deetaa Ministeera Aadaa fi Ispoortii Ambaasaaddar Masfin Charinnatii fi Pireezidaantii Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa gargaartuu Komishinaraa Daraartuu Tulluun simatameera.

Taphoota guutuu Afrikaa Gaanaa Magaalaa Akiraa Guraandhal 29 hanga Bitootessaa 14, 2016tti gaggeeffamerratti Ispoorteessitoonni Biyyoota Afrikaa 53 irratti babba’an kumni 5 ol gosoota Ispoortii 29 hirmaataniiru.

Itiyoophiyaanis Ispoorteessitoota 165n gosoota Ispoortii 9 hirmaatteerti.

Hirmaannaa kanaanis meedaaliyaa 22 walitti qabachuun sadarkaa 8ffaan xumuruu eerameera.

Jilli Itiyoophiyaa bu’aa jajjabeessa galmeesse kun galgala kan Finfinnee galuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.