Fana: At a Speed of Life!

Jilli Itti Aanaa Preezdaantii Naannoo Kibbaa obbo Ristuu Yirdawuun durfamu Godina Beenchi Shakootti boqqoolloo kilaastaraan faca’e daawwate

Finfinnee, Onkololeessa 9, 2013 (FBC) –Jilli Itti Aanaa Preezdaantii Naannoo Kibbaa obbo Ristuu Yirdawuun durfamu Godina Beenchi Shakootti boqqoolloo kilaastaraan faca’e daawwate.

Itti Aanaa Preezdaantii Naannoo Kibbaa obbo Ristuu Yirdaw daawwanachirratti akka ibsanitti aanichatti midhaan al ergii ta’u naannoo itti oomishamuu ta’uu hubachiisaniiru.

Naannoo oomisha bunaa fi mi’eesiyuu dabalatee midhaan dibataa itti oomishamu ta’uun sharafa alaa argamsiisuuf ga’ee olaanaa qabachuu eeraniiru.

Naannichatti lafti heekatara 143 kilaastaraan misoomuu ibsaniiru.

Jilli Itti Aanaa Preezdaantii Naannoo Kibbaa obbo Ristuu Yirdawuun durfamu guyyaa kaleessaa hojiiwwan misoomaa godina oomoo Bahaa hojjetamaa jiru daawwachuu Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Kibbaa beeksiseera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.