Fana: At a Speed of Life!

Jilli obbo Addisuu Araggaan durfamu aanaa Taltalleetti hojiilee misoomaa daawwate

Finfinnee, Caamsaa 5, 2013 (FBC) – Jilli Sadarkaa Itti Aanaa preezdaantiitti Qindeessaa Kilaastera Hawaasummaa obbo Addisuu Araggaan durfamu godina Booranaa Aanaa Taltalleetti hojiile misoomaa adda addaa daawwateera.
Jilli kun Naannoo Sabaa fi sablammoota Kibbaatti godina Oomoo Aanaa Hamar, iddoo addaa Gondorobbaa jedhamuutti hawaasaan simatameera.
Jillichi daandii Taltallee – Wandoo hanga naannoo Kibbaa Aanaa Hamar wal qunnamsiisu daawwachuun, maanguddoota naannoo Kibbaa waliin mari’ateera.
Jiraattoonni aanaa Hamar ganda Gondorobbaa hojiilee misoomaa dagatamne ture, deeggarsa mootummaa naannoo Oromiyaan hojjetamuu isaa bulchiinsa naannichaa galateeffataniiru.
Obbo Addisuu Araggaan gama isaaniin naannichaatti misooma hunda galeessa guddinna waliiniif ni hojjenna jedhan.
Akka OBN gabaaseetti bulchaan godina Booranaa obbo Guyyoo Galgalootis hawaasa walitti hidhamiinsa jabaa qabu kanaa jajjabeessuun misooma waloon walitti hidhuun nageenyi naannichaa akka mirkanaa’uu gaafataniiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.