Fana: At a Speed of Life!

Jilli Obbo Ahimad Shiideen durfamu Ministeera Dhimma Alaa Ingilizitti gargaartuu Ministiraa dhimmoota Afrikaa waliin mari’ate

Finfinnee, Eebila 14, 2014 (FBC) – Jilli Ministira Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideen durfamu Ministeera Dhimma Alaa Ingilizitti gargaartuu Ministiraa dhimmoota Afrikaa Veek Foord waliin mari’ate.

Marii isaaniin dhimmoota tumsa diinagdee fi faayidaa waloorratti mari’achuu ragan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

Jilichi walga’ii Baankii Addunyaa fi Dhaabba Maallaqaa Idil Addunyaarratti hirmaachuuf Ameerikaa Waashingitan DC galuun kan yaadatamu yoo ta’u, turtiisaan walga’icharra darbee marii gam-lamee ni taasisa jedhameetu eegama.

Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Dooktar Yinnaagar Dasee fi Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Dooktar Iyyoob Takkaaliny Ministira Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiidee waliin garasitti imaluu ibsameera.

Ministeera Dhimma Alaa Ingilizitti gargaartuun Ministiraa dhimmoota Afrikaa Veek Foord ergaa gama Twiitara isaaniin dabarsaniin, mariin taasisan adeemsa nageenyaa Ityoophiyaa, dhiyeessii deeggarsa namoomaa fi deeggarsa Ingiliz lammiilee Ityoophiyaa deeggarsa barbaadaniif taasisuu qabdurratti mari’achuu ibsaniiru.

Mariin taasisan bu’aa qabeessa ta’uu kaasaniiru.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.