Fana: At a Speed of Life!

Jimmaa Abbaa Jifaar taphoota 7 booda gara injifannootti deebi’e

Finfinnee, Eebila 21, 2014 (FBC) – Taphoota Beetkiingii Priimayeer Liigii Ityoophiyaa torbee 21ffaan Jimmaa Abbaa Jifaar taphoota 7 booda gara injifannootti deebi’eera.

Taphoota Beetkiingii Priimayeer Liigii Ityoophiyaa torbee 21ffaan har’a taphoonni lama gaggeeffameera.

Jimmaa Abbaa Jifaar Magaalaa Bahaar Daar goolii 2 fi 0n injifateera.

Ascannaaqii Tsaggasyee fi Suraafeel Awwal Jimmaaf goolii tokko tokko galchaniiru.

Tapha galgala kana gaggeeffameen ammoo Raayyaan Ittisaa Goolii 4 fi 0n Buna Ityoophiyaa injifateera.

Taphoota hanga ammaatti taphatameen Qidduus Giyoorgis qabxii 44 liigicha yoo dursu, Jimmaa Abbaa Jifaarii fi Sabbataan sadarkaa dhumaarratti argamu.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.