Fana: At a Speed of Life!

Jimmaatti jiraattoonni kumni 3 fi 500 guyyaa 10 keessatti yaala Fayyaa tolaa argatan

Finfinnee, Hagayya 25, 2014 (FBC) – Magaalaa Jimmaatti Tajaajila Tola Ooltummaan jiraattoonni kumni 3 fi 500 tajaajila yaala Fayyaa argachuu ibsameera.
Sagantaan Tola ooltummaa mata duree ‘fayyaa keenyaaf’ jedhuun guyyoota 10niif gidduu gala yaala fayyaa Yuunivarsiitii Jimmaan kennamaa ture xumurameera.
Sagantaa kanaan jiraattoonni kumni 3 fi 500 tajaajila yaala bilisaa argachuu Daayrektarrii giddu gala yaala fayyaa Yuunivarsiitii Jimmaa Dooktr Fatiyaa Awwal dubbatan.
Walii galaan Birriin miiliyoona 1fi kuma dhibba 3 olitti tilmaamamu baasii ta’uu kaasaniiru.
Dooktar Fatiyaan,hojin tola ooltummaa fayyaa kun kan itti fufu ta’uu ibsuun, ogeeyyiin yaala fayyaa 230 ol irratti hirmaachuu isaanis himaniru.
Abdurmaan Mahaammaditu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.