Fana: At a Speed of Life!

Jiraattonni godina Arsii Lixaa aantummaa Raayyaa Ittisa biyyaatiif qaban hiriiraan ibsan

Finfinnee, Adooleessa 18, 2013 (FBC) – Jiraattonni godina Arsii Lixaa aantummaa Raayyaa Ittisa biyyaatiif qaban hiriira ba’uun ibsaniiru.

Biyyi dhiigaan ijaaramte Shira juuntaatiin hin diiggamtu kanaaf raayyaan ittisa biyyaa gaachana keenyati jedhan.

Hiriiricharratti dhaadannoo ummanni Tigraay qaama keenya daa’imman isaanii siyaasaaf waraanatti dirqisiisuun haa dhaabbatu, ol aantummaan seeraa haa kabajamu, raayyaan ittisa biyyaa Ambaasaaddara nageenya biyya keenyaati jedhu dhageessisaniiru.

Abbaa nu bulcha jenne karaa nagayaan filanne, hidha Laga abbayyaas Guuttanne, osoo nuti jirruu Juuntaan nagayeenya keenya hin booressitu jedhan hiriirtoonni.

Jibriil Huseentu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.