Fana: At a Speed of Life!

Jireenya horsiisee bulaa jijjiiruuf hojiin qorannoorrratti hundaa’e hojjetamaa jira

Finfinnee,Fulbaana 29, 2013 (FBC) – Jireenya horsiisee bulaa jijjiiruuf hojiin qorannoorrratti hundaa’e hojjetamaa jiraachuu Komishiniin Qindeessaa Misooma Naannoo Horsiisee Bulaa Oromiyaa beeksise.

Qorannoon jireenyaa horsiisuu bulaa jijjiiruurratti bu’ureeffate dhiyaachuun qooda fudhattoota waliin Adaamaatti irratti mari’atamaa jira.

Rakkoo muudatanii fi hanqinaalee damichaa haala furuun danda’amurratti hayyoonni, qorattoonni fi qaamoleen hawaasa keessaa walitti babba’an marii gaggeessaa jiru jedhame.

Hawaasni horsiisee bulaa lafa naannichaa % 43 kan uwwisan yoo ta’u, lakkoofsi isaaniin miiliyoona 5 ol ni ta’u jedhameera.

Jiruu fi jireenya hawaasa kanaa jijjiirruun barbaachisaa ta’uu ibsameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.