Fana: At a Speed of Life!

Joo Baayidaan dhimmoota garagaraatti Puutiin waliin bilbilaan mari’atan

Finfinnee, Amajjii 19, 2013 (FBC)- Preezdaantiin haaraa Ameerikaa Joo Baayidaan gita isaanii Raashiyaa Viildaamiir Puutin waliin marii yeroo jalqabaaf bilbilaan taasisaniin Niwkileera dabalatee dhimmota garagaraa irratti mari’ataniiru.
Baayidaan marii isaaniitin dhimma hooggana mormitoota kan ta’aan Aleexs Naavaalniyaa kaasaniiru.
Akkasumas dhimma Yuukireen, qabiinsa mirga namooma, giddugaluumma filannoo fi dhimmota biroo kaasuun isaanii ibsameera.
Preezdaantiin Raashiyaa Viildaamir Puutiin preezdaant Joo Baayidaan filannoo Ameerikaa injifachuu isaaniitin baga gammaddan jedhaniiru.
Hoggantoonni lameen dhimmoota gurguddoo kaasan keessa dhimmi waliigaltee Niwkilaraa isa olaanaadha jedhameera.
Kanaafis xumuramuuf torbeewwan kan hafaan waliigalteen Niwkilaraa biyyoota lamaanii dheeressuuf murteessu ibsaniiru.
Biyyoonni lamaan Niwkilara addunyaarra sadarkaa olaanaa fayyadamuurran kan ka’ee yericha dheereessuuf waliigalteera ga’uun isaanii abdi qaba jedhameera.
Maddi:-BBC Z Mooskoo Taayims
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.