Fana: At a Speed of Life!

Joo Baayidaan lolli Israa’eelii fi Filisxeem akka dhaabbatu waamicha dhiyeessan

Finfinnee, Caamsaa 10, 2013 (FBC)- Preedaantiin Ameerikaa Joo Baayidaan lolli Israa’eelii fi Filsxeem akka dhaabbatu waamicha dhiyeessaniiru.

Preezdaantichi Muummee Ministiraa Israa’eel Beeniyaamiin Neetanyaahuu Ameerikaan waraanichi akka dhaabbatu Gibtsi dabalatee  biyyoota garagaraa waliin hojjechuushee ibsaniiru.

Israa’eel nageenyaa lammiilee nagaa yaada keessaa galchuun qabdi kan jedhan preezdaantichi, Ameerikaanis kana ni tumsiti jedhaniiru.

Yaa ta’u malee Baayidaan mana maree nageenyaan kan dhiyaatee fi Israa’eel tarkaanfii loltumaa akka dhaabduu yaadni gaafatuu fudhatama dhabsiiseera.

Rakkoowwan karaa dippiloomaasiin hiikuun  danda’amaan kan jedhu eejjennoo qaban ibsaniiru.

Lola Israa’eelii fi Filisxeem gidduutti eegalameen hanga ammaatti jiraattoonni Gaazaa 212 fi kan Israa’eel 10 ajjeefamaniiru jedhameera.

Lolli guyyoota 9 dura eegalame lubbuu lammiilee nagaa 222 galaafachuu fi qabeenya hedduu barbadeessuu himameera.

Gamlachuun namoota ajjeefaman keessaa 63 daa’immaan ta’uu ibsameera.

Maddi:-BBC

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.