Fana: At a Speed of Life!

Kaayyoon keenya jalqabaa Finfinnee jiraattoota isheef mijattuu taasiisuuf Waadaa galle milkeessudha – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Bitootessa 18, 2016 (FBC) – Kaayyoon keenya jalqabaa Finfinnee jiraattoota isheef mijattuu taasiisuuf waadaa galle milkeessudha jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Dooktar Abiy hojiilee Misooma Koriidarii magaalaa Finfinneetti hojjetamaa jiru gamaaggamaniiru.
Gamaaggamaa taasiisaaniin kaayyoon keenya jalqabaa Finfinnee jiraattoota isheef mijattuu taasiisuuf Waadaa galle milkeessudha jedhan.
Adeemsi misoomaa kun qabeenya dhuunfaa, mootummaa, kutaalee hawaasaa galii gadi aanaa qabani fi qaamolee garaagaraa tuquu akka danda’u fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Hojiin faayidaa yeroo dheeraa qabatee socho’aa jiru kun waayita xumurame qooda fudhattoota fi ummata bal’aaf faayidaan inni qabu olaanaa ta’uu hubachiisaniiru.
Dabalataan aadaan hojii haaraan mul’ataa jiru kun guutuu biyyattiitti baramuu fi baayyachuu akka qabu yaadachiisaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.