Fana: At a Speed of Life!

Kallattii hundaan galma biyya Sooshaalistii ammayyaa ijaaruu ni milkeessina – Preezdaant Shii Jiinpiing

Finfinnee, Adooleessa 13, 2013 (FBC) – Chaayinaan kallattii hundaan galma biyya Sooshaalistii ammayyaa ijaaruu milkeessuuf ni hojjetti jedhan Preezdaantiin Chaayinaa Shii Jiinpiing.
Preezdaantichi kabaja hundeeffama waggaa 100ffaa Paartii Koministii Chaayinaa sababeeffachuun haasawa taasiisaniin Chaayinaan hariiroo muul’ata waloon qabu haaraa diriirsuuf xiyyeeffattee kan hojjetu ta’uu himaniiru.
Paartichi erga hundaa’ee eegalee fedhii ummata guutuu fi ergama biyya guddoo ijaaruu qabatee hojjechaa turu eeraniiru.
Chaayinaan carraa misoomaa qabdutti fayyadamuun tumsa qulqullina olaanaa qabu Inisheetiivii walitti hidhamiinsa misoomaa ‘Beeltii fi Rood’ kan ijaartu ta’uu eeraniiru.
Paartiin Koministii mootummaa biyya bulchu dursu biyyoota addunyaa fi ummata nagaa jaalatan waliin waloon hojjechuuf murannoo qabaachuu dubbataniiru.
Addunyaarratti nageenyi waloon, misoomni, haqni, Diimookiraasii fi bilisummaan akka dagaagu hirmaannaa ni taasiifna jedhan.
Preezdaant Shii Jiinpiing Chaayinaan imaammata hariiroo alaa walaba ta’e kan hordoftu ta’uu eeraniiru.
Chaayinaan fayyadamummaa waloof murannoo qabaachuu kaasaniiru.
Chaayinaan dhimma keessoo biyyoota alaa keessa kan hin galle ta’uu fi qaama dhimma keessoo ishee giddugaluu barbaadaniif kan hin eeyyamne ta’uu mirkaneessaniiru.
Chaayinaan hariiroo alaa haaraa diriirsuuf kan hojjettu ta’uu Preezdaantiin Shii Jiinpiing ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.