Fana: At a Speed of Life!

Karaa seeraan alaa gara Sudaanitti ce’uuf kan yaalaan shamarraan 96 to’ataman

Finfinnee, Gurraandhala 19, 2012 (FBC) – Karaa seeraan alaa gara Sudaanitti ce’uuf kan yaalaan shamarraan 96 to’atamuu qajeelchi poolisii magaalaa Gondar beeksise.

Shamarraan kutaalee biyyatti garagaraa irraa dhufan magaalaa Gondar hoteela buufatan keessatti eeru ummanni lateen to’atamu isaanii buufata poolisii magaalaa Gondar 6ffaatti hogganaan hubbannoo uumuu fi leenjii Saajin Taaddasaa Alaminah himaniiru.

Yeroo amma kana shamarraan hunduu buufata poolisiitti kan argaman yoo ta’u, hawaasni naannoo deeggarsa nyaataa fi kanneen biroo taasisaafi jiru jedhan.

Dhimmichaan walqabatee dhiirri tokkoo fi shamarreen baqattota waliin turte to’atamuun qoratamaa jiraachu ibsaniiru.

Shakkamtoota biroo to’annoo jala oolchuuf hordoffiin taasifama jira jedhaniiru.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.