Fana: At a Speed of Life!

Kibba Afrikaatti namoonni miiliyoona 45 ol hanqina nyaataaf saaxilaman

Finfinnee, Amajjii 8, 2012 (FBC) – Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Sagantaan Nyaataa Kibba Afrikaatti namoonni miiliyoona 45 ol hanqina nyaataaf saxilamuu beeksise.

Namoota hanqina nyaataaf saaxilaman hedduun dubartootaa fi daa’imman ta’uu ibseera.

Kibba Afrikaatti gogiinsaa fi balaa lolaa uumamuun hanqina nyaataaf sababa ta’eera.

Sagantaa Nyaataa Idil Addunyaatti daayreektarri biyyoota Kibba Afrikaa Loolaa Kaastiroo hanqinni akka kanaa kun kanaan dura muldhatee kan hin beeknee fi rakkoo hamaa qaqqabsiisuu akka malu akeekkachiisaniiru.

Dhaabbatichi namoota hanqina nyaataaf saaxilamaniif kan barbaachisu Doolaara miiliyoona dhibba 4 fi miiliyoona 89 keessaa hanga ammaatti Doolaara miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 5 qofaa walitti qabuusaa ibseera.

Iswaatiinii, Leesootoo, Maadaagaaskaar, Maalaawii, Moozaambiik, Naamiibiyaa, Zaambiyaa fi Zimbaabuween biyyoota gogiinsaan miidhamaan ta’uun ibsameera.

Kanneen keessaa lammiileen Zimbaabuwee walakkaadhaa ol hanqina nyaataaf kan saaxilaman yoo ta’u, arboonni hedduun beelaan dhumaniiru.

Maddi:- Aljaziira

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.