Fana: At a Speed of Life!

Kibba Walloo aanaa Ambaassalitti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 10 darbe

Finfinnee, Bitootessa 10, 2102 (FBC) – Naannoo Amaaraa godina Kibba Walloo aanaa Ambaassalitti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 10 darbe.

Konkolaataan geejiba ummataa magaalaa Laalibalaarraa gara Giishan Dabrakarbee imalaa ture hallayyaatti dhaquudhan balichi mudachuu poolisiin godinichaa beeksiseera.

Konkolaatichi ganda 23 keessatti duubatti sigigaatee hallayyaatti kan kufe.

Namoota lubbuu isaanii dhabaniin ala 14 salphaa fi cimaa miidhamaniiru.

Namoonni hin miidhamin kan jiran yammuu ta’u, miidhamtoonni Hoospitaala Riifaraalaa Daseetti deeggarsa yaalaa argachaa jiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.