Fana: At a Speed of Life!

Kiristiyaan Atisuun kirkira lafaa Turkii fi Sooriyaatti mudateen jijjiga gamoo jalaa lubbuun hafe

Finfinnee, Amajjii 30, 2015 (FBC) –Taphataan sarara qarqaraa Cheelsii fi Niwuu Kaastiil duraanii Kiristiyaan Atisuun Kirkira lafaa Turkii fi Sooriyaatti mudateen jijjiga gamoo jalaa Lubbuun hafee argamuu ibsameera.

Balaan Kirkiraa lafaa Turkii fi Sooriyaatti mudate lubbuu namoota hedduu galaafachuu fi hedduun achi buuteen isaanii dhabamuu dubbatamaa jira.

Lammiin Gaanaa Kiristiyaan Atisuun yeroo ammaa Kibala Kubbaa Miilaa Turkii keessa taphataa kan jiru yoo ta’uu, balaa mudate kanaan jijjiga gamoo jalatti ukkaamfamee turuun lubbuun hafee yaalarra jiraachuu eerameera.

Kiristiyaan Atisuun Piriimayeer Liigii Ingilaandi keessatti Kilaba Cheelsii, Eevartanii fi Niwuu Kaastiil Yuunaayitiidiif taphataa tureera.

Yeroo ammaa Kilaba Turkii Hataayaaspariif taphataa jira.

Tapha Dilbata darbe taphatameen goolii kilabichi ittiin injifate lakkoofsiisee ture.

Magaalaan Hataay magaaloota Turkii kirkira lafaan daran miidhaman keessa ishee tokko ta’uu eerameera.

Kibbaa Turkii fi Kaaba Sooriyaatti balaa mudate kanaan lakkoofsi namoota lubbuu dhabanii dabalaa jiraachuu ‘Deeyilii Meeliin’ gabaaseera.

Kiristiyaan Atisuun garuu Jijjiga gamoo jalaa lubbuun hafuun isaa himameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.