Fana: At a Speed of Life!

Kiristiyaanoo Roonaaldoon lakkoofsa haatrikii isaa 58 geessise

Finfinnee, Onkololeessa 3, 2014 (FBC) – Taphataan sarara Fuulduraa lammii Poorchugaalii fi Kilaba Maanchister Yuunaayiitid Kiristiyaanoo Roonaaldoon jaarraa kana keessa taphataa haatriikii olaanaa lakkoofsise adda duree ta’uun itti fufeera.
Tapha gulaallii Waancaa Addunyaa guyyaa Kaleessa Poorchuugaal Luugzambarg waliin taphatte irratti rukuttaa bilisaa 2 fi addaan ammoo goolii 1 galchuun lakkoofsa haatriikii isaa 58’n geechiseera.
Morkataan isaa Liyooneel Meesiin hanga ammaatti haatrikii 55 yoo lakkoofsisu, Luwiis Suwaareez ammoo 29 qaba.
Lakkoofsi kun kan isaan kilabaa fi biyya isaaniif lakkoofsisaniidha.
Tapha kanaan Poorchugaal goolii 5 fi 0n Luugzambarg injifatteerti.
MaddI:-BBC Sport
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.