Fana: At a Speed of Life!

Kitaabni jijjiirrama Ityoophiyaa waggoottan lamaan darbanii xinxaalu eebbifame

Finfinnee, Onkololeessaa 12, 2013 (FBC) – Kitaabni jijjiirrama Ityoophiyaa waggoottan lamaan darbanii xinxaalu eebbifame.
 
Ityoophiyaatti Muummeen Ministira FDRI Dooktar Abiy Ahimad erga gara aangootti dhufanii jijjiirrama gama hundaan argamerratti kan xiyyeeffatu Kitaabni Waajjira Muummee Ministiraan barreeffame har’a eebbifameera.
 
 
Kutaabni afaan Ingiliziin barreeffame kun mata duree “Ethiopia in the wake of political reforms” kan qophaa’e yoo ta’u boqonaa 4 fi fuulawwan 616 qaba jedhame.
 
Kitaaba kana hayyoonni 20 waliin ta’uun kan qopheessan ta’uu ibsameera.
 
Jijjiirramoota biyyattiitti waggoottan lamaan darbanitti gama hundaan argame hunda kan xinxaaluudha jedhame.
 
Kallatti gara fuuldaraa jijjiirramichaas kan kaa’edha.
 
Sirna eebbaa har’a yuunvarsiitii Finfinneetti gaggeeffame kanarratti hayyoonni, namoonni dhuunfaa fi gaazeexeessitoonni argamaniiru.
 
Maddi:-TOI
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.