Fana: At a Speed of Life!

Kofaleetti hojiileen tola ooltummaa Birrii miiliyoona 140’tti tilmaamamu hojjetame

Finfinnee, Hagayya 25, 2015 (FBC) –Godina Arsii Lixaa Magaalaa Kofaleetti tajaajila lammummaan hojiileen Birrii miiliyoona 140’tti tilmaamamu hojjetamuu bulchiinsi magaalattii beeksise.

Kantiibaan Magaalaa Kofalee Obbo Waliyyii Nabii tajaajila lammummaatiin ijaarsaa fi suphaan manneen harka qalleeyyii 100 ol akka gaggeeffame himaniiru.

Dabalataanis hojiileen akka arjooma dhiigaa, loonii, hoolaa fi re’ee, dabtarri barataa fa’aan deeggarsa taasifamuu eeraniiru.

Hojiileen tola ooltummaa kunneenis waldaalee siiviilii, abbootii qabeenyaa fi hirmaannaa ummataan kan taasifaman ta’uu kaasaniiru.

Jibriil Huseenii fi Biqilaa Tufaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.