Fana: At a Speed of Life!

Konfaransiin dhaabbatummaa hoggansa Paartii Badhaadhinaa magaalaa Finfinnee xumurame

Finfinnee, Onkololeessa 2, 2013 (FBC) – Konfaransiin dhaabbatummaa hoggansa Paartii Badhaadhinaa magaalaa Finfinnee guyyoota lamaaf gaggeeffamaa ture xumurame.
 
Konfaransichi mata duree ‘hoggansa Finfinnee daandii Badhaadhinaarra ilmalchiisuu danda’u yaa horannu’ jedhuun gaggeeffamaa tureera.
 
Waggoottan lamaan darban keessa Ityoophiyaas ta’ee Finfinneetti jijjiirramoota galmaa’anii fi rakkoolee quunnaman irratti mari’achuun kallattiin fuula duraa kaa’ameera.
 
Finfinnee misooma hunda galeessa guuttattee jireenya ummata isheef mijootuu taate, demookiraasiin itti mirkanaa’e, bulchiinsi gaariin keessatti babal’atee fi dhiyeessiin tajaajila mootummaa filatama ta’u uumuuf kan hojjetamu ta’uu ibsameera.
 
Hoggantoonni kunneen qoramaatalee ijoo ta’an injifachuun hawaasa isaanii murannoon tajaajiluuf waliigalteerra ga’uu isaanii ibsameera.
 
Konfaransichi ibsa ejjennoo abbaa qabxii 7 baafachuun xumurameera.
 
Zaman Bayyanaatu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.