Fana: At a Speed of Life!

Konfiraansiin Fayyaa “Kenninsa Tajaajila Fayyaa Foyyeessuu” Naqamteetti gaggeeffame

Finfinnee, Caamsaa 27, 2015 (FBC)- Konfiraansiin Fayyaa mata duree “Kenninsa Tajaajila Fayyaa Foyyeessuuf” jedhuun qaamolee hawaasaa garaagaraa hirmaachisee Magaalaa Naqamteetti gaggefameera.

Konfiraansicharratti ogeessootaa fi qondaalota fayyaa aannolee godinichaa hirmaataniiru.

Waltajjicharratti Itti Gaafatamtuun Waajjira Fayyaa Godina Wallagga Bahaa Siistar Shittaayee Baqqalaa akka himanitti kaayyoo konfiraansichaa tajaajila fayyaa hunda galeessaa fi qulqullina qabu hawaasa bal’aan ga’uu akkasumas karoora guddinaaf jijjirama biyyattiin qabatte galmaan gahuuf ta’uu eeraniiru.

Bulchaa Godinaa Wallagga Bahaa Obbo Waaggaarii Nagaraa gama isaaniin imaammanni fayyaa biyyaatti erga hojiirraa oluu eegalee dhibee daddarbaa fi ittisa dhukkubaa irratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Akkasumas mootummaan akka biyyattis ta’e akka naannoo Oromiyaatti fayyaa hawaasaa hundaa fooyyeessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraa jedhan.

Koonfiraansichaan hanqinaalee fi ciminoota damee fayyaa godinichaarratti bal’inaan mari’atamuun kallattiin furmaataa ni kaa’amaan eegama.

Galaanaa Tasfaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.