Fana: At a Speed of Life!

Konkolaachisaa Birrii imaltoonni gatanii bu’an kuma 93 abbaaf deebise

Finfinnee, Onkololeessa 13, 2016 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti Konkolaachisaan tajaajila geejjibaa laatu Birrii imaltoonni gatanii bu’an kuma 93 Poolisii waliin abbaaf deebiseera.

Guyyaa kaleessaa Kutaa magaalaa Boolee aanaa 12 iddoo addaa Bulbulaa jedhamutti Konkolaachisaan tajaajila Geejjibaa kennaa ture Maallaqa imaltoonni konkolaataa isaa keessatti gatanii bu’an kuma 93 Qajeelcha Poolisii kutaa magaalichaaf dabarsee kennuu ibsameera.

Imaltoonni kunneen maallaqa kana gatuu isaanii Buufata Poolisii naannawaa Daandii Qilleensatti iyyachuu isaanii hordofee bakka konkolaachisaan deebise argametti Birrii isaanii fudhachuu ragaan Poolisii magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.