Fana: At a Speed of Life!

Konkolaattota elektirikii biyya keessa akka galfaman nan jajjabeessa-Ministeericha

Finfinnee, Bitootessa 13, 2016 (FBC)- Konkolaattonni elektirikii biyya keessa akka galfaman onnachiistuuwwan garagaraa hojiirra oochaa jiraachuu Ministeerri Geejjibaa fi Loojistiksii beeksise.

Ministir Deetaan Ministeerichaa Baar’oo Hasan akka ibsanitti, guutummaatti konkolaattoota omishaamanii alaa galfaman taaksii %15 fi kanneen gartokkeen oomishamanii galfaman %5 qofa kan kaffalan ta’uu ibsaniiru.

Konkolaattoota qaamni isaanii alaa galfamuun biyya keessatti guutummaatti oomishaman taaksiirraa walaba taasifamuu hubachiisan.

Kunis konkolaattota boba’aan hojjetan irratti taaksii kaffalchiifamuun yoo madaalamu gadaanaa ta’uu eeranii, mootummaan konkolaattoonni elektirikii akka galfaman jajjabeessuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Hanqinni giddugaloota suphaa fi buufata chaarjii akka hinjiraanne hojjetamaa jiraachuu ibsuun, yeroo ammaas Finfinneetti buufataaleen chaarjii 60 jiraachuu dubbataniiru.

Waggoota 10 keessattis Finfinneetti buufataalee chaarjii kuma 1 fi 176 akkasumas magaalota naannoleetti buufataalee kuma 1 fi 50 hojjechuuf karoorfamuu himuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Konkolaattonni elektirikii kuma 439 waggoota 10 keessatti biyya keessa galchuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu beeksisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.