Fana: At a Speed of Life!

Koomishinichi Chaambarii Idil Addunyaa Duubaay waliin invastimantii alaa babal’isuuf waliigale

Finfinnee, Amajjii 15, 2015 (FBC)- Koomishiniin Invastimantii Ityoophiyaa Chaambarii Idil Addunyaa Duubaay waliin Invastimantii alaa babal’isuurratti waliin hojjechuuf waliigaleera.

Koomishinarri Koomishinii Invastimantii Ityoophiyaa Lalisee Namee, Chaambarii Idil Addunyaa Duubaayitti Bakka Bu’aa Giddugala Bahaa fi Afrikaa Kaaliid Al Alii waliin mari’ataniiru.

Marichaaan michummaa cimaa uumuun filmaataa fi carraa invastimantii Ityoophiyaa, abbootii qabeenyaa Duubaayitti hojii beeksisuu hojjechuuf waliigaluu isaanii ragaan koomishinicharraa argame ni mul’isa.

Dabalataanis invastimantii alaa naannawaachatti dhufu dabaluu irratti waloon hojjechuuf waliigalteerraa ga’aniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.