Fana: At a Speed of Life!

Koonfiraansiin Nageenyaa Magaalaa Asoosaatti taa’amaa jira

Finfinnee, Muddee16, 2012(FBC)- Koonfiraansiin Nageenyaa Magaalaa Asoosaatti taa’amaa jira.

Koonfiraansii kanas kan qopheesse Waajjira Qindeessaa Sagantaa Nageenyaa fi Misooma Waliinii Mootummoota Naannolee Beenishangul Gumuzifi Oromiyaadha.

Kantiibaan Magaalaa Asoosaa Obbo Umar Ahimad keessummootaan baga nagaan dhuftan jedhanii, waggoota lamaan dura jijjjiiramni akka biyyaatti dhufe akka lafa hin qabaneef ummata barootaaf duudhaa waliin jireenyaa qabu walitti buusuun rakkoon akka uumamu godhamus, kutannoo hoggansaa fi ummataan fashalaa’ee rakkoon ture furamee nageenyi iddootti deebi’eera jedhaniiru.

Obbo Umara imala badhaadhinaa Jijjiiramni fide milkeessuun fayyadamaa ta’uuf hunduu harka walqabatee hojjechuu akka qabus dhaaman.

Waldhabdee uumameen nageenyi duraan boora’ee ture iddootti akka deebi’ee fi namoonni rakkoo nageenyaan qe’ee isaaniirraa buqqaa’anii turanis gama lachuunuu akka deebi’anidha ragaan Waajjira Qindeessaa Sagantaa Nageenyaa fi Misooma Waliinii Mootummoota Naannolee Oromiyaa fi Beenishangul Gumuz irraa arganne kan mul’isu.

Koonfiraansiin araaraa sadarkaa sadarkaan gaggeeffame milkaa’ina akka argamsiisedha kan ibsame.

Mana buqqaatotaa naannolee lachuu irraa buqqaa’anii manni isaanii gubate kuma shan Waldaa kaatolikii Itiyoophiyaa Damee Naqamteen ijaarsi isaa jalqabameera.

Hojiin ijaarsa dandeettiis hoggantoota Godinaalee fi Aanaalee ollaa daangaarra jiraniif akka kennamee fi bu’aa akka buusees ibsameera.

Ummanni naannoo lamaanii Afaanii fi Aadaa walii beekanii miira obbolummaan akka jiraatanis hojjetamaa akka jiru himameera.

Haaluma kanaan Godinaalee Naannoo Beenishaangul Gumuz Asoosaa fi Matakkal,Aanaa addaa Mahoo Koomoo keessatti manni barumsaa Afaan Oromoo 41 banamuun barsiisaa akka jiranis ibsamee jira.

Ummanni Oromoo Naannicha keessa jiran dhorkii tokko malee uffannaa aadaa isaaniin faayamanii ayyaana Irreechaa kabajachuu akka jalqabanii fi walitti dhufeenyi obbolummaa ummataa kan yeroo kamiiyyuu caalaa akka cime dha kan ibsame.

Ummata daangaarra jiru misoomawwan bu’uuraan walitti hidhuufis hojjetamaa akka jiru himameera.

Akka ragaan Biiroo Dhimmooota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaarraa muldhisutti, daandiin Arjoo-Jimmaa -Sogee kiiloo meetra  47 Birrii miiliyoona 47 fi Haroo Limmuu -Sugee-Yaasoon kiiloo meetra  20 Birrii miiliyoona 200 oliin hojjetamaa jiru.

Bishaanis hojjetamuf ogeeyyii Yuunivarsiitii Wallaggaan qoratameera.
Dhaabbanni ‘CRS’Itiyoophiyaas bishaan Aanaalee Daangaa Baloo Jagaan Fooyii fi Saasiggaatti,Haroo Limmuu fi Yaasoo,Mana Sibuu fi Odaa Bildiigiluutti hojjechuuf fandii barbaadaa jira jedhameera.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.