Fana: At a Speed of Life!

Kooriyaan Kaabaa fi Kibbaa yaalii Misaa’eela Pilaastikaa taasiisan

Finfinnee, Fulbaana 5, 2014 (FBC) – Kooriyaan Kaabaa fi Kibbaa guyyaa har’aa yaalii Misaa’eela Pilaastikaa taasiisuun dhaga’ameera.

Kooriyaan Kaabaa Wiixata darbe Yaalii Misaa’eela fageenya dheeraa imaluu danda’u taasiisuun ishee kan yaadatamuudha.

Biyyoonni lamaan dhimmicharratti atakaroo olaanaa keessa galuu isaanii ibsameera.

Kooriyaan Kaabaa yaalii Misaa’eela fageenya dheeraa imalu taasiiftee guyyoota muraasa booda Kooriyaan Kibbaa yaalii Misaa’ela Pilaastikaa taasiifteerti.

Kooriyaan Kibbaa yaalii kana taasiiftee turtii sa’aatii muraasan booda Kooriyaan Kaabaa yaalii Misaa’eela pilaastikaa lama taasiisuu himameera.

Yaaliin Misaa’eelaa biyyoota lamaanii kun dachee Kooriyaatti atakaroo uumame caalmaatti kan cimsu ta’uu sodaa uumeera.

Maddi:-BBC

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.