Fana: At a Speed of Life!

Kooriyaan Kaabaa yaalii Diroonii bishaan keessaa niwukilara baachuu dandeessuu taasiste

Finfinnee, Bitootessa 15, 2015(FBC)- Pireezidaantiin Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Uun yaalii diroonii bishaan keessaa niwukilara baachuu dandeessuu taasisuu miidiyaan biyyattii gabaaseera.

Diroonichi bishaan keessa gadi fageenya meetira 80-90 sa’aatii 59 oliif erga imalteen booda qarqara Galaana Bahaatti dhohuu ibsameera.

Diroonichi bishaan keessatti erga dhukaafameen booda danbalii raadiyoo aktiiv kaasuu kan danda’u ta’uu eerameera.

Yaalichi dandeettiin waraana niwukilaraa biyyattii saffisa olaanaan dabalaa jiraachuu isaa Ameerikaafi Kooriyaan Kibbaa akka hubataniif agarsiistuu ta’uu Kiim Juung Uun ibsaniiru.

Meeshaan waraanaa maqaan “Haa’eeyil” jedhamu kennameef kun dooniwwaniifi buufataalee diinaa danbalii raadiyoo aktiiviin haleeluuf yaadamee kan hojjetame ta’uu ibsameera.

Kooriyaan Kaabaa diroonii bishaan keessaa niwukilara baachuu danda’u kana qarqara galaanaafi buufata kamirratti iyyuu fayyadamuu akka dandeessu ibsiteetti.

Ameerikaafi Kooriyaan Kibbaa waggoottan shanan keessatti shaakkala loltummaa guddaa jedhame tibba darbe gaggeessuu isaanii hordofee naannawaa kooriyaatti muddamni uumamuu eerameera.

Pireezidaantiin Kooriyaa Kibbaa Yuun Suuk Yool, Kooriyaan Kaabaa qoccolloo ofirrummaan taasistuuf gatii kan kaffaltu ta’uu ibsan isaanii dhagahameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.