Fana: At a Speed of Life!

Kutaa magaalaa Liddataatti Maallaqni seeraan alaa kuufamee ture to’atameera

Finfinnee, Hagayya 18, 2013 (FBC) – Magaalaa Finfinnee Kutaa magaalaa Liddataatti Doolaarri seeraan alaa kuufamee ture kumni 5 fi Birriin Ityoophiyaa kumni dhibbi 1 ol to’atameera.
 
Sakattoo taasiifameen maallaqni seeraan ala kuufame kun iddoo addaa Alamuu Meedaa jedhamuun waamamutti mana nama dhuunfaa keessaatti argamuu Komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee beeksiiseera.
 
Dubartiin dhimmicha waliin hidhata qabdi jedhamuun shakkamte to’annoo jala ooluun dhimmi ishee qulqullaa’aa jiraachuu eerameera.
 
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
 
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.