Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen Ityoophiyaa 215 Beeruutii , 339 ammoo Saa’ud Arabiyyaarraa gara biyyaa deebi’an

Finfinnee, Eebila 8, 2013 (FBC) – Lammiileen Ityoophiyaa 215 Beeruutii,339 ammoo Saa’ud Arabiyyaarraa gara biyyaa deebi’aniiru.
Lammiileen Beeruutiitti sanada hin qabne rakkoo keessa turan adabbii malee gara biyya isaanii akka deebi’aniif Qoonsilaan Ityoophiyaa Beeruutiitti argamu mootummaa biyyattii waliin waliigalteerra ga’uu ibsameera.
Lammiilee Baatii Muddee keessa gara biyyaa deebi’uuf galmaa’anii turan kuma 1 fi 239 keessaa 215 Eebila 5-7, 2013tti magaalaa Libaanoosiirraa gara biyya isaanii deebi’uu ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni agarsaa.
Oduma walfakkaatuun lammiileen 339 Saa’ud Arabiyaarraa gara Biyya isaanii deebi’aniiru.
Lammiileen 339 Saa’ud Arabiyaa magaalaa Riyaadirraa gara biyyaa deebi’aniiru.
Ministeera Dhimma Alaatti bakka bu’aan Daayrektara Jeneraalaa Dhimmoota Qoonsilaa Buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Booleetti argamuun lammiilee kanneen simataniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.