Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen Ityoophiyaa miiliyoonni 7 deeggarsa namoomaa ni barbaadu

Finfinnee, Amajjii 17, 2012 (FBC) – Lammiileen Ityoophiyaa miiliyoonni 7 hanga Waxabajjii bara 2012tti deeggarsa namoomaa nyaatan alaa kan barbaadaan ta’uu Komishiniin Hoggansa Balaa Biyyaaleessa beeksise.
 
Amajjii hanga Waxabajjii bara 2012tti lammiileen dhiyeessa deeggarsa namoomaa nyaatan alaa barbaadaan miiliyoonni 7 jiraachuu komishinich qorannoon adda baaseen jira jedheera.
 
Namoonni deeggarsa nyaataa barbaadaan yeroo ammaatti namoota miiliyoona 6 yoo ta’an, gargaarramtoonni kunneen kan bara darbee gadi ta’uu komishinich beeksiseera.
 
Biyyattiitti balaan gogiinsaa mudataa jiru haala jireenyaa ummataa fi diinagdee biyyaa irra miidhaa qaqqabsiisaa jiraachuu komishinich qorannoo taasiseen ifoomseera.
 
Keessattuu faallamni qabeenya qilleensaa addunyaa irra ga’aa jiru Ityoophiyaan irra deddeebiin gogiinsaaf akka saaxilamtu godhee jira jedhame.
 
Mootummaan miidhicha ittisuuf dhaabbilee deeggartootaa waliin ta’uun hojjechaa jiraachuu itti gaafatamaan Komishinii Hoggansa Balaa Biyyaaleessa Ityoophiyaa dubbataniiru.
 
Maddi:-TOI

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.