Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen Tuuniziyaa Oolompikii Tookiyoo bara 2020 irratti Afriikaaf meedaaliyaa jalqabaa argamsiisan

Finfinnee, Adooleessa 18, 2013 (FBC) – Lammiileen Tuuniiziyaa dorgommii teekwandoo fi Bishaan daagaa dhiirotaan Oolompikii Tookiyoo bara 2020 irratti Afriikaaf meedaaliyaa jalqabaa argamsiisaniiru.

Dorgommii bishaan daakuu dhiirotaa meetira 400tiin lammiin Tuuniziyaa Ahimed Hafnaoui meedaaliyaa warqee argateera.

Jenduubiin ammoo teekwandoon nama meedaaliyaa warqii argate lammii Xaaliyaanii Viitoo Delaakuwiilaan’tti aanuun meedaaliyaa meetii argateera.

Dargaggeessi umrii waggaa 19 Jenduubiin lammii Ityoophiyaa Salamoon Tufaa qabxii 23’n caaluun ture kan mo’atee xumuraaf darbe.

Tuuniiziyaan hanga ammaatti meedaaliyaawwan 14 dorgommiiwwan Oolompikii irratti argatteerti.

Dorgommii Riyoo bara 2016 irratti meedaaliyaawwan nahaasaa sadi kan argatte Tuuniiziyaan Oolompikii Tookiyoo bara 2020 irrattis injifannoo hedduu argachuuf si’oominaan eegaa jirti.

Maddi:-BBC

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.