Fana: At a Speed of Life!

Landan konkolaattota boba’aa fayyadaman dhoorkufi

Finfinnee, Muddee 8, 2012 (FBC) – Magaalaan Landan konkolaattota boba’aa fayyadaman dhoorkufi.

Dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaa hir’isuuf, Landan keessa konkolaattonni boba’aa fayyadaman kan dhoorkaman ta’uu magaalattiin beeksiste.

Dhoorkaan kun yaalii baatii 8 booda hojiirra olee jedhameera.

Haluuma kanaan magaalittiitti konkolaattonni humna elektiriikaan hojjetanii fi imaltoonni lafoo qofti akka socha’an ta’uun ibsameera.

Konkolaattonni balfa deddeebisanii fi balaa tasaa garuu socho’uu ni danda’u.

Dhoorkiin kun daandiiwwan akka hin dhiphannee fi balaan tiraafikaa akka hir’atu gumaacha ni qabaata jedhameera.

Dabalataan jijjiirrama qabeenya qilleensaa fooyyessuuf ni gargaara jedhameera.

Maddi:-CGTN

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.