Fana: At a Speed of Life!

Leeseetoon damee qonnaan Itiyoophiyaa waliin hojjechuuf fedhii qabaachuu ibsite

Finfinnee, Bitootessa 17, 2016(FBC)- Mootummaan Lesseettoo damee qonnaan Itiyoophiyaa waliin hojjechuuf fedhii qabaachuu Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Biyyaatti Nichiyuwaa Sekeeteen ibsan.

Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girma Amanteen Ambaasaaddar Nichiyuwaa Sekeete waliin damee qonnaarratti akkaataa waloon hojjechuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Marii isaaniin, Dooktar Girmaan waggoottan shanan darbanitti damee qonnaaf xiyyeeffannoo olaanaa kennuun damicha ammayyeessuuf hojiilee bal’aan hojjetamaa jiraachuu himan.

Itiyoophiyaan sagantaalee misooma Qamadiin, misooma beeyladaa fi qurxummiin, Maaddii Guutuun hojiilee eegalaman akkasumas, jijjiirama qabeenyaa qilleensaa dandamachuuf diinagdee magariisaa ijaaruun sagantaa Asharaa Magariisaan biqiltuu dhaabuun bu’aalee argaman irratti Dooktar Girmaan ibsa laataniiru.

Ambaasaaddar Nichiyuwaa Sekeeteen gamasaaniin, rakkoo Afrikaaf furmataa Afrikaa kennuuf xiyyeeffannoon hojjechuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

Mootummaan Itiyoophiyaa xiyyeeffannoo damee qonnaaf kenne dinqisifaachuun, mootummaan Leesseettoos damee qonnaan Itiyoophiyaa waliin hojjechuuf fedhii qabaachuu eeruu ragaan Ministeera Qonnaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.