Fana: At a Speed of Life!

Lolaa sababa Rooba waqtii gannaan uumamu hojii Misooma Qonnaa Boneef oolchuuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Caamsaa 7, 2015 (FBC) – Lolaa sababa Rooba waqtii gannaan uumamu hojii Misooma Qonnaa Boneef oolchuuf hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Bishaanii fi Inarjii beeksiise.

Jilli Ministira Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injinar Haabtaamuu Ittafaan durfamu hojiilee bishaan dhugaatii fi ittisa balaa lolaa godina Kibba Oomoo fi Aanaan Dasanachitti hojjetamaa jiru daawwateera.

Jilichi hojiilee qaqqabummaa bishaan dhugaatii qulqulluu magaalaa Jiinkaa fi Aanaa Hamer akkasumas hojiiwwan Ittisa Balaa Lolaa Laga Oomoo Birrii miiliyoona 119n hojjatamaa jiran daawwachuun gamaaggameera.

Miidhaa Hongeen Godina Oomoo Kibbaa hanga Naannoo Somaaleetti qaqqabsiisaa jiru hir’isuuf hojjetamaa jiraachuu Dooktar Injinar Haabtaamuun ibsaniiru.

Balaa Lolaa Lagni Oomoo, Gibee fi Awaash qaqqabsiisaniif deebii laachuun miidhaa hongeen qaqqabsiisuu ittisuun Bishaan dhugaatii fi Jallisii kuusuun qabeenya maddisiisuuf sirni dandeessisu uumamaa jiraachuu kaasaniiru.

Sirna bulchiinsa lageen gurguddoo haala barbaadamuun diriirsuun hojii misooma Qurxummii fi hojiiwwan misooma qonnaa birootiif oolchuun fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuuf hojjetamaa jiraachuu dubbachuu isaanii TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.