Fana: At a Speed of Life!

Loozaa Abarraa taphattuu cimtuu liigii dubratoota Maaltaa ta’uun badhaafamte

Finfinnee, Fulbaana 7, 2013 (FBC) – Waldaan Taphattoota kubbaa miilaa Maaltaa Loozaa Abarraa taphattuu cimtuu liigii dubartoota Maaltaa bara kana jechuun badhaaseera.
 
Taphattuun sarara fuulduraa duraanii kilaba bulchiinsa magaalaa Adaamaa Loozaa Abarraa ga’umsa bara kana Liigii Maaltaa keessatti mul’isteen taphattuu cimtuu jedhamuun badhasa adda addaa fudhattee jirti.
 
Kaleessa galgala ammoo waldaa taphattoota Maaltaa Loozaa taphattuu cimtuu garee dubartootati jechuun badhaasuu isaa ragaan ‘Malta Football Association’
irraa argame ni muul’isa .
 
Loozaa Abarraa kilabasheef bara kana goolii 30 galchuun olaantummaan xummuruun ishee ni yaadatama.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.