Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Asoosaatti namni dhuunfa kardii filannoo ciree adabame

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2013 (FBC)-Naannoo Beenishangul Gumuuz magaalaa Asoosaatti namni dhuunfa kardii filannoo ciree  maallaqaa wayita adabamuu bifuma wal fakkatuun namni dhuunfa biroon ammoo to’annaa jala oolee boruutti murtoo eeggachaa jira.

Ajajaan poolisii magaalichaa Komaandar Buushiraa Alqaariib, namni dhuunfa adabamee magaalichaatti aanaa lamaa keessaatti kardii filannoo hiriyootasaarra fudhee uummataa duratti ciruudhaaniiru jedhaniiru.

Manni murtii magaalichaa namni dhunfaa kun maallaqa Birrii kuma 1 akka adabamuu taasiseera.

Namni dhunfaa biroon ammoo kardii ofiisaatii uummata duraatti ciruu komaandarichi himaniiru.

Poolisiin dhimmichaarratti qorannoo dabalataa taasisee dhimmichi boruu murtoo akka argatuu ibsameera.

Filannoon marsaa 6 magaalaa Asoosaatti karaa nagaan gaggeeffamaa ooluu himaniiru.

Maddi:-TOI

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.