Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Gimbiitti proojektoonnii adda addaa Birrii miiliyoona 58 ijaarraman eebbifaman

Finfinnee, Waxabajjii 4, 2013 (FBC)- Magaalaa Gimbiitti proojektoonnii adda addaa 26 Birrii miiliyoona 58 ijaarraman eebbifamaniiru.

Sirna eebba proojektiwwan kanneen irratti jilli hogganaa Eejansii Bittaa fi Dhabamsiisaa Meeshaalee Mootummaa Oromiyaa Obbo Gammachuu Baqqalaan durfamu argameera.

Jillichi daandii koobilii baabura Tasammaa hanga mana barumsaa Ifa Boruu Haacaaluu Hundeessaatti hojjetama ture meetira 750 Birrii miliyoonaa 2.5n  ijaarramee ebbisiiseera.

Magaalichatti daandiin koobilii 9 Birrii miliyoona 13 hojjetama turaniif diichiin 11 Birrii miiliyoona 19.6  turan xumurame tajaajilaaf qaqqabuu hojii gaggeessan bulchiinsa Magaalaa Gimbii obbo waaqtole Baacaan himaniiru.

Bara baajata 2013tti proojektiwwan misoomaa magaalaa Gimbii 33 ta’an hojjechuf karoorfamee keessaa, proojektiiwwan gosa garagaraa  26 Birrii miiliyoona 58 hojjetamaa turan  xumuramuun tajaajilaf qaqqabuu himaniiru.

Proojektiwwan  bara kana magaalaa Gimbii keessatti hojjetamaa turan % 30   deeggarsa mallaaqa Baankii Addunyaarra argameen hojjetamuu kantibaan magaalaa Gimbii obbo Tsagaayee Immanaa himaniiru.

Proojektiwwan  hafan biroon ammoo baajata mootummaa naannoo Oromiyaa  fi hirmaannaa hawaasatti hojjetamaniiru jedhaniiru.

Dhuma irrattis mariin  jiraattootaa magaalicha waliin taasifameera.

Gammachuu Beekumatu gabaase.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.