Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Jiimmaatti dareewwan barnootaa 89 tola ooltootaan ijaaramaman

Finfinnee, Hagayya 21, 2013 (FBC) – Magaalaa Jiimmaatti dareewwan barnootaa 89 Birrii miiliyoona 44niin tola ooltootan ijaaramuu ibsameera.
Dareewwan barnootaa kun abbootii qabeenyaa fi jiraattoota magaalichaa hojii arjoomaarratti bobba’aniin kan hojjatamaniidha jedhame.
Muuxxannoo kana itti fufsiisuuf manneen barnootaa idilee duraa 12 Birrii miiliyoona 102 ijaarsiisuuf karoorfame guyyaa har’aa walharkaa fuudhiinsi dizaayinii fi kaartaa raawwatameera.
Manneen barnootaa kun abbootii qabeenyaa, dhaabbiilee amantii, diyaaspooraawwan biyya alaa, waldaalee fi hirmaannaa dargaggootaan kan ijaaraman ta’uu eerameera.
Waajjira barnoota magaalaa Jimmaatti qindeessaan fooyya’iinsa manneen barnootaa obbo Guutamaa Giddiin dareewwan barnootaa bara kana ijaaraman tajaajila kennuu eegaluusaanii himaaniru.
Kanneen bara itti aanu ijaaramanis waggaa tokko keessatti xumuruuf karoorfamuusaa dubbataniiru.
Kaantiibaan magaalaa Jimmaa obbo Tijjaanii Naasir gama isaaniin dhaloota jaalala biyyaa qaban horachuu keessatti shoorri manneen barnootaa olaanaa ta’uu eeraniru.
Kanaafis abbootii qabeenyaa fi jiraattoota magaalichaa hirmaachisuun hojii eegalame itti fufsisna jedhaniiru.
Muktaar Xahaatu gabaase.
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.