Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Loos Aanjelesitti lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif Doollaari kuma dhibba 6 ol walitti qabame

Finfinnee, Sadaasa 27, 2014 (FBC) – Ameerikaa magaalaa Loos Aanjelesitti lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif sagantaa galii walitti qabuu gaggeeffameen guyyaa tokkotti  Doollaari kumni dhibbi 6 fi kumni 40 walitti qabamuu ibsame.

Saganticharratti Ameerikaatti Ambaasaaddara Ityoophiyaa Ambaasaaddar Fitsum Araggaa, Gaazexeessituu Hermeellaa Aregaawii, Miseensota diyaaspooraa magaalaa Loos Aanjelesii fi keessummoota waamichi tasifameef dabalatee namoonni 500 argamuu ibsameera.

Maallaqichi caalbaasiin, Maqaa Muummee Ministiraa Abiy Ahimad, Gaazexeessituu Hermeellaa Aragaawwii fi maqaa namoota beekamoo biroon walitti qabamuu eerameera.

Maallaqni walitti qabame yeroo dhiyootti gara Ityoophiyaa kan ergamu ta’uu ibsameera.

Deeggarsi hawaasni diyaaspooraa magaalichaa fi naannawaa ishee Ityoophiyaaf taasisan cimee kan itti fufu ta’uu ibsameera.

Maddi:- TOI

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.